Saturday 16 March 2013

Janaraal Taaddasaa Birruu

Janaraal Taaddasaa Birruu

by Akkawaaq Jaalataa

     Jeneraal Taaddasaa Birruu nama magaala ifaa yommuu ta'u yeroo dubbatus jarjara tokko malee nama yaada isaa namaaf ibsu ture.jeneraal taaddasaan dhalootni isaa kutaa shawaa kaabaa konyaa salaalee aanaa hidhabuu abootee ganda(araddaa)siree jedhamtu keessatti bara 1914 dhalate.abbaan isaa nama qotatee bulu yennaa ta'u dirree waraanaa irrattis nama beekamaa ta'uu isaa seenaan ragaa bahee jira.

Egaa akkuma beekamutti Abbaan jeneraal taaddasaa birruu bara lola xaaliyaan akkuma duuletti dirree waraanaa irratti akka wareegames seenaan kun itti dabaalee addeessee jira.haati mana isaa jechuun harmeen taaddasaa otuu gadda abbaa mana ishee irra jirtuu rasaasa warana xaaliyaanii fii warana ethiopiatin walitti dhukaafamaa tureen kan wareegamte ta'uus dubbateera.

Jeneraal Taaddasaan yeroo sana keessatti sababa waraana xaaliyaanin abbaa isaa fii harmee isaa dhabuun akka malee waan isa gaddisiisef barnoota yeroo sana barachaa ture dhiisee xaaliyaan irratti duuluf bosona seenuu filate.haaluma kanaan qabsoo keessatti ciminaan hojjachaa kan ture ta'uu isaa irraa kan ka'een erga waraanni xaaliyaan raawwatee booddee qondaalota aangoo gurguddaa irratti argaman keessa seenee akka hojjatu bakki yeroo kennamee miseensota habashaa warra taa'itaa gurguddaa irratti argaman keessaa taaddasaan isa tokko ta'ee hojjachaa ture.yeroo sana keessatti garuu maqaan isaa maqaa warra habashootatiin waan wal fakkaatuf amantii guddaa kan irraa qaban waan ta'eef aangoo guddaa keessatti hojjachaa akka turu mootummaan yeroo sanii Tafarii mekonnen(Hailasilasen)taaddasaa muududhaan aangoo itti laate.adeemsa hojii kan yeroo dheeraa keessatti bara 1940mmaan keessa garuu taaddasaan haalli habashootaa maal akka fakkaatu fii ilaalchi isaan ummata oromootif qaban maal akka fakkaachaa dhufes hubachuu jalqabe.yeroo sana keessatti oromoo ta'uun isaa habashota biratti waanti beekamu tokkollee hin turre.kan isaan itti amanan garuu Taaddase fii Birru duwwaa ture.


Haaluma kanaan adeemsa hojii yeroo dheeraa keessatti yeroo wal gahiin tokko mana maree bakka bu'oota uummataatin geggeeffamu keessatti hacuuccan ummata (gaallaa)jajjabaachuu qaba kan jedhu waltajjii habashootaa irratti kan yeroo hunda otuu hin dubbatamin bira hin darbamne kana irratti gaallaa inni jedhu sammuu taaddasaa keessatti dhiphummaa uumuu waan jalqabeef taaddasaan amanamummaa biyya ethiopiatif qabaachaa otuun jiruu lammiin koo gaallaa maalif jedhama gaaffiin jedhu sammuu taaddasaa keessatti yeroo hunda gaaffii atattamaa waan itti ta'eef miseensota mana maree bakka bu'oota uummataa keessaa warra lammiin isaanii oromoo ta'ee maqaan isaanii maqaa warra habashaa wajjin wal fakkaatu miseensota ijaarrachuuf yaaliin inni geggeessaa ture battalumatti yoo bakka gahuu baatellee namoota yeroo sanaaf bebbeekamoo ta'an kan akka jeneraan Jaagamaa keelloo fii koloneel Alamuu qixxeessaa akkasumas namoota tokko tokko warra hojii mootummaatin ala jiraatan wajjin yaada kana wal mari'achuuf guyyaan itti dheerachuu jalqabe.

Bara 1950mmaan keessa garuu erga miseensota xinnoo argatee booddee fincila xixinnoo yennaa inni kaasu keessumatti murtii yeroo sa seera adaba yakkaa mootummaan hailasillaasee qindeessee gara parlaamaa irratti dhiyeesse keessaa lakkoofsa 16.3ማ jedhu jalatti kan barreeffama nama ajjeesun yakkadha yoo gaallas ta'e kan jedhu ture seerri adaba yakkaa kun kan hailasillaasetin maxxanfamee parlamaa biyyattitif dhiyaate kun.ሰዉ  ማግደል  ክልክል  ነዉ  ጋላም ብሆን   kan jedhu ture barreeffamni seera addaba yakkaa kan moticha habashaatin dhiyaate kun. 
                  Barreeffamni kun itti fufa........